Qeerroon Yuunivarsiitii Haramaayaa Diddaa Itti Fufe. Ambotti ammoo Barataa Electrical Engineering Gaaddisaa Dirribaa badii tokkoon malee hidhame

.

Haromaaya ,Sadaasa 26,2012

Aadaa,duudhaa,Afaan,Afoolaa fi seenaa saba Oromoo balleessuuf shirri mootummaan Wayyaanee hin yaalle hin jiru.Ilmaan Oromoo garuu aadaa fi seenaa isaa guddisuu irratti guyyaa tokko itti aaragalfatee hin beeku.Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti sabboontotni ilmaan Oromoo Fiilmii Afaan oromoo HINSEENEE jedhamu qondaalotiin Wayyaanee akka hin ilaalamne dhorkus dirqiin galchuun erga Galma yuunivarsiitii keessatti ilaalanii booda walleewwan warraaqsaan diina mataa cabsan.Fiilmiin kun wayita ilaalamutti waraanni federaalaa fi waardiyaan yuunivarsiitii keessa bittinnaaus sabboontotni barattoota Oromoo waalleewwan Korma Guduruu..Oromoon Leencuma durum,Tokkummaa..fi kanneen kana fakkaatan gamtaan sirbuun diina dhiphisanii dhaamsas walitti dhaammatanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun gochaan diinummaa Wayyaanee barattoota Oromoo irraa kan hin dhaabbannes Yuunivarsiitii Amboo keessaa Barataaa Electrical Engineering waggaa 2ffaa kan tahe Barataa Gaaddisaa Dirribaa ati Qeerroo ijaartee diddaaf qindeessaa jirta maqaa jedhuun tikni mootummaa wayyaanee mana hidhaatti ukkaamsee jira.Roorroon hammaatus aadaa fi afaan keenya,Seenaa fi duudhaa keenya guddisaa fi beeksisaa bilisummaa hanga gonfannu diddaa irraa hin dhaabbannu jechuun Qeerroon gad jabeessee dhaammata.

3 responses to “Qeerroon Yuunivarsiitii Haramaayaa Diddaa Itti Fufe. Ambotti ammoo Barataa Electrical Engineering Gaaddisaa Dirribaa badii tokkoon malee hidhame

  1. mallif gargaari banaa, maliif walli hin galuu,maltaa yoo tokkuuma umitaani, humnaa dabalatani, biyyaa gaalttan ammaa yommiti biyyaa allaa tessani oduu oddesitu. “yo oli gallaan allaa gallaan” rabbi immo jalala, waaldadaahu, biyyaaf yadduu, waalkabbaju, humnaa issinif hallaatu. Injiifano sabbaa ballaaf!!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s