WBOn Tarkaanfii Itti Fufeen Diina Irratti Mirga Argate

(Madda Oduu ABO/MOA/ Muddee 12, 2012)

Haasxaa WBOIrree fi gaachanni ummata Oromoo WBOn qubattuu diidaa fi lukkeelee nyaaphaa irratti tarkaanfii fudhatu itti fufe. Akka kanaan humni addaa WBO Godina Baha Wallaggaa Ona Diiggaa Saasiggaa keessa sosso’u tarkaanfii Muddee 9, 2012 fudhateen basaasota ol aanoo fi jajjaboo diinaa 3 ajjeesee jira. Basaasoti diinaa:

1.Pheexros Negga, 2.Eliyaas Teklay, 3.Bayyane Aksum

Kanneen jedhaman kan ajjeefaman Ona Diiggaa Saasiggaa bakka Baloo Jaagafooyii jedhamutti. Ergamtootni diinaa kanneen kan naannoo kanatti bobba’aniif bakka humni addaa WBO irraa sosso’uu fi jiru qoratuuf oggaa tahu kanatti dabalees ummata Oromoo fi Gumuz wal lolchiisuuf shira xaxuuf akka tahe beekamee jira. Humni addaa WBO tarkaanfii kana fudhate ummatni Oromoo bakka jiru maratti karaa danda’ame hundaan deggersa isaan FDG akka cimsu yaadachiisee. Tarkaanfii diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu kan itti fufu tahuu dhaamee jira.

IUOf!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s