Harás Borus Biyti Teenya Oromiyaa, Ummanni Keenya Oromoo, Kaayyoon Keenyas Bilisummaa dha!

ABO_OLFBitootessa 31, 2013 (Infoo Deeskii ABO) –Qabsoon bilisummaa Oromoo ABOdhaan hogganamu waggoota afurtamman dabran gargaarsa tokkoon maleetti fi duula diinota qabsoo kana dhabamsiisuuf irratti faraqaan bobba’an lakkoobsaan hedduu fi dandeetti guddaa qaban irra aanee hundee sabboonummaa hin buqqaane gad dhaabuu danda’ee jira. Hundeen sabboonummaa kunis Oromummaa fi hawwii (aspiration) bilisummaa Oromiyaa ti. Har’a barri itti Oromoodhaan ati Oromoo dha, biyti tee Oromiyaa dha jedhanii barsiisan dabarteetti. Akkasumas faallaa kanaan afaan alagaa tahanii Oromootti gadi bahuun, ati Itoophiyaawii dha, biyti tees Itoophiyaa dha jechuun kan qabsoo Oromoo dura dhaabbatanii maqaa Oromoo dhawatuun lallaban deddeebi’anii mul’atan illee mul’atni isaanii fudhatama hin arganne; har’as fudhatama hin qabaatu. Galanni jaallan hundee Oromummaa jabaa kana akka hin buqqaanetti gad dhaabuuf jecha wareegama qaalii baasanii fi har’s kaayyoo kanatti cichanii baasaa jiraniif haa tahuutii, har’a Oromoon eenyummaa saba isaa fi biyya isaa baruu bira dabree waan isaaf tahu murteeffachuuf illee gahummaa dammaqinsa siyaasaa amansiisaa horatee argama. Kun injifannoo hangafaa fi bu’uuraa kan milkaawina qabsichaaf akka furtuutti ilaalamuu dha.

Sabboonummaan Oromoo har’a bakkayyuu daraare diinnan Oromoo yoo yaaddessu lammiif ammoo abdii ol’aanaa dha. Sochiin diddaa gabrummaa barattoonni Oromoo yuniversiitiilee, kooleejotaa fi manneen barnoota sadarkaa adda addaa keessatti taasisaa jiran kanaaf ragaa hangafaa taha. Har’a ‘Dhaloota Qubee’ jechuun kan beekamu dhaloonni jalaa ol dhufaa jiru injifannoolee hangafootaan galmeeffame dhaalee tiksuu fi injifannoolee dabalataa galmeessuuf Oromiyaa mara keessaa of qopheessuu irratti argama. Dhaloota hangafaa kan qabsoo baroota dheeraatiin hundee sabboonummaa hin daddaaqamne kana gad dhaabeef kabajaa fi mararfannoo guddaa kan qabu dhaloonni Oromoo haaraan, tarkaanfiin itti aanu hoo maali, jedhee wal gaafachuu fi mariyachuutti jira. Sabboonummaan Oromoo kaayyoo bilisummaa Oromiyaa mirkaneessuu irratti jaarame akkamitti dhugooma kan jedhu irratti dhaloonni haaraan dirqama seenaan isa irra keesse bahachuuf sochiitti seenee akka argamus ifa galaa dha. Diinni deemsa QBO bifa abdachiisaa kanaan deemaa jiru doomsuuf ijibaachuu irraa wayta itti duubatti jedhe hin qabu. Tarkaanfii humnaa fi haxxummaatiin sabboonummaa Oromoo kolaasuu carraaquu irraa dhaabbatee hin beeku. Tarkaanfii humnaa fudhatee lubbuu qabsaayota hedduu gaaga’eera, qaama hir’iseera. Kumoota hidheera, kumoota biyya irraa baqachiiseera. Tarkaanfii haxxummaa fudhateenis dargaggootaa fi sabboontota Oromoo baay’ee kaayyoo QBO ABOdhaan durfamuu irraa maqsuuf jecha doorsisaanis tahee gowwoomsaadhaan miseensummaa dhaaba bixxillee isaa OPDO guuchifateera. QBO keessattis lukkeelee qabsicha keessaan diigan kumaan kadhimmatee jeequmsa ulfaataa mooraa QBO keessatti gaggeessaa bahee jira. Tarkaanfiileen humnaas tahee haxxummaa kun marti garuu daranuu sochii sabboonummaa fi falmaa mirga Oromummaa finiinsisan malee duubatti deebisuu hin dandeenye; gonkumaas hin dandayani. Diinas tahe kanneen bitamanii shiroota kana irratti itti fufinsaan bobba’an kana akka gaariitti beeku.

Jijjiiramni mirgoota aadaa, afaanii fi ‘ofiin of bulchuu’ kan mootummaan Wayyaanee gurra guddisee lallabatu keessi isaa maal akka fakkaatu eenyu illee caalaatti dubbachuuf kan hamilee itti qabu ummata Oromoo biyya keessaa isa abidda cunqursaa Wayyaanee jala jiru dha. ‘Laalaa madaa ibiddaa isa gubatee beeku tu beeka’ akkuma jedhamu, haalli siyaasummaa, dinagdee fi hawaasummaa ummata keenyaa maal akka fakkaatu ummatichummaan haa dubbatu. Haala sirna siyaasaa cubbamaa impaayera Itoophiyaa keessatti kan affeelamaa jiru Oromoon Itoophiyaa irraa takkaa kabajas tahee galata argatee beeku hin qabu. Kaleessaa hanga har’aatti Itoophiyummaa dirqiitiin dabaa fi cunqursaa guutee dhangala’e keessumsiisuu irraa kan hafe guyyaa takkaaf illee akka lammii biyyaatti mirga siyaasaa abbaa biyyummaa gonfatee oolee hin beeku. Warri kaleessa impaayera tana jaaree fi har’as impaayerattii dhaalee bulchaa jiru lakkoofsaan wayyaboomuu fi dinagdeedhaan lafee dugdaa tahuu Oromoo osoma itti hadhaawuu liqimsuuf haa dirqaman malee, takkaa mirga siyaasaa fi kabajaa saba guddaa fi murteessaa kanaaf malu Oromoof deebisuu yaadanii hin beekani.

Har’a bara itti Oromoon xiqqaa guddaan of baree dabaa fi shira mootummoota Itoophiyaa A hanga Ztti gingilchee hubate kanatti kan Oromoo Itoophiyummaaf kaadhimu yoo jiraate, humni akkasii dura dursoo ummata Oromootiinuu sirriitti waan wal beeka hin fakkaatu ykn osoo beekuu dantaa ummta Oromoo gurguratuuf kan gabaa of baase qofa dha. Yeroo keessa jirru kanatti, dantaa ofiif jedhee Oromoo jilbatti kufee ‘badii kaleessaaf dhiifama nuuf godhii, maaloo si waliin akka bullu nuu eehami’ jedhee kadhachuun kan irraa eegamu, warra jaarraa tokko caalaaf saba kana cunqursaa fi madeessaa bahe malee, Oromoo isa cunqursaa seenaan hin daganneen madaa yoomuu hin fayyine madeeffamaa yoona gahe miti. Oromoo irraa kan eegamu humna isaa kurfeeffatee waaroo ulfinaa ofitti deebisuuf qabsaawee wareegama hanga har’aatti itti baase galiin gahuu dha malee, warra waaroo ulfinaa irraa mulqee waaroo salphinaa itti aguugeef jilbeenfatee kadhachuu miti.

Humnoonni siyaasaa Itoophiyaa kan kaleessa aangoo irra turanis tahee kan har’a aangoo harkatti galfatan Oromoodhaaf tuffii sodaan guutame qabaachaa turan. Tuffiin isaanii kun har’as akkuma jabaatee itti fufetti jira. Oromoon hangamuu baay’atu, hangamuu baratu, hangamuu dachii dinagdee murteessaadhaan badhaadhe irra jiraatu toyannaa keenyaan ala bahuu hin danda’u jedhanii of amansiisanii jiru. Kayyoon qabsoo Oromoo bilisummaa sabaa fi walabummaa Oromiyaa akeekkates isaan biratti “abjuu” dha. Kun amaluma cunqursitootaa ti. Hanga dirqamanitti ummata cunqursaa isaanii jala jiruuf beekkamtii gaaffii mirgaa hin kennani. Qabsaayichi Hindii Mahatma Gandhi amala cunqursitootaa kana jechoota gabaaboodhaan lafa kaaéera. “First they ignore you, then they laugh at you, then they fight you, then you win.” [Jalqaba gurra si dhowwatu, itti aansuun sitti kolfu, itti aansuun siin lolu, itti aansuun ni mootaan.] Dhugaa kana irraa wanni hubatamu diinni yoomuu kadhaa fi magantaadhaan kan hin injifatamne tahuu isaa ti. Kadhaa fi magantaan hafnaan osoma muratanii qabsaayaniiyyuu hanga humni namaa jabaatee isa raasutti kan nama tuf°fatu tahuu isaa jechi Gandhi kun illee ragaa baha. Diinni eenyummaa ofii lakkisanii eenyummaa isaa ergifachuudhaanis garaa namaaf hin laafu. Sun daranuu akka diinni nama tuffattu gumaachuu irraa kan hafe akka matayyaattis tahee akka sabaatti ulfina namaaf hin kennisiisu. Eenyummaa fi kaayyoo ofiitti cichanii karaa hundaan muddanii yoo qaban malee diinni hanga namaa beekuu hin dandeessu.

Humnoonni siyaasaa tokko tokko kan har’as jaarraa kanatti bifa kanaan of gowwoomsanii ummata Oromoos gowwoomsuu barbaadan maaliif seenaa ofiifuu nama barsiisaa turan irraa barachuu akka dadhaban namaaf hin galu. Sadarkaa dammaqiinsi Oromoo har’a irra gahee argamus beekaa ija itti dunuunfatan. Har’a hafnaan kaleessa bara dukkanaa sanayyuu yaaliin walfakkaataan akkasii kun Oromoo gowwoomsee kaayyoo qabsoo ABOdhaan hogganamuu irraa maqsuu hin dandeenye. ABOn gaafa jalqaba dhalatee lafaa ol ka’us didhaalee fakkaatoo keessatti of arge. Garuu didhaalee sana mara irra aanee dhawaatumaan jabaataa yoona gahe. Har’as didhaan kun irraa hin hafne. Haa tahu malee har’aa fi kaleessi tokko miti. Kaleessa ABOn harka tokkoon Oromoo Oromummaa isaa barsiisaa harka kaaniin ammoo diinota bifdaneeyyii lolataa bahe. Har’a garuu yoo xiqqaate Oromoo Oromummaa isaa barsiisuutti milkaawee jira waan taheef didhaalee akkasii kana irra aanuun hanga kaleessaa san ulfaataa hin tahu. Waan hunda caalaa ummanni Oromoo dammaqe cinaa isaa jira waan taheef ummatichiyyuu sochii qabsoo isaa danquu fi duubatti harkisu argaa hin callisu. Qabsichi kan isaa tahuu waan hubateef isumatu qabsaayata. Kun ammoo waggootii 20 darban keessatti deddeebi’ee mula’atee jira.

Ummanni Oromoo bara keessa jirru kanatti anatu-siif-beekaa humnoota siyaasaa alagaas tahee kanneen Oromoo keessaa dhalataniituma dogoggoranii saba dogoggorsuu hawwaniif akka murtee hatattamaa kennuu danda’u fakkeenyonni ragaa tahan baay’ee dha. Akka fakkeenya guddaa tokkootti waan jalqaba bara 2012 keessa tahe yaadachiisuun ni danda’ama. Murni dhaaba irraa bahe tokko maqaa ‘ABO’ jedhu ofitti maxxanfatee ‘Bara haaraatti mul’ata haaraa! Har’a irraa qabee kaayyoo ABO jijjiireetin jira, kana booda kaayyoon ABO Itoophiyummaa malee Oromiyummaa miti …’ jechuun labsatee humnoota siyaasaa tokkummaa Itoophiyaaf dhaabatan gammachuudhaan burraaqsisuun isaa yaadannoo yeroo dhihoo ti. Kanaanis humna siyaasaa Itoophiyaa kan kufaatii ABO arguu hawwuuf onnee dabalee ABO irratti dhadachiisuunis waan dagatamu miti. Miidiyaaleen Afaan Amaaraa kan mormituus tahee kan idil addunyaa humna kanaaf yeroo qilleensaa gadhiisii kennanii akka garaa isaa akka of beeksifatu gargaaranii turan. Haa tahu malee ummanni Oromoo humna akkasitti kaayyoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa gurguratee galma diinaatti gale akkasiif deebii hatattamaa kenne. Didichaan miidiyaalee alagootaas hamilee Oromoo cabsuu hin dandeenye. Akkasitti humni sun galaana sabboonummaa Oromummaa biyya keessaa fi alaa keessaa tufame. Qurxummii bahaara keessaa baate tahe. Maayyiin isaas akkuma hanga yeroo dhihootti garre dhabama seenaa tahee hafe. Diinni murna kana dogoggorsee burraaqsisee waliin burraaqaa bahes amma wal fudhatanii mukukkula bishaan bu’e tahan. Cal calammii tahe!

Namas tahee murni qalbii qabu tokko kana irraa waan guddaa barata. Oromoon maal akka barbaadu dhugaa kanaa fi kana fakkaatan irraa ifee mul’ata. Oromoon kan barbaadu ABO kaayyoo isaa haqaa jabeeffatee irree gurmaaween diina irratti bobba’u arguu dha malee dhaaba irraa cabanii deemanii faaruu kaayyoo siyaasaa diinaa jajjabeessu diina waliin faarfachuu miti. Diina dagaaginni sabboonummaa Oromiyaa yeroo irraa gara yerootti jabaataa deemuu argee abdii murachuudhaan akka soogiddaa baqaa jirutti dhaqanii, ‘Itoophiyoomneerra, gammadi’ jedhanii abdii itti horuun kaayyoo fi fedhii ummata Oromoo akka hin taane ifa galaa dha. Kun Oromoo qalbii Oromummaa guutuudhaan walabummaan yaadu qofa osoo hin taane, Oromoo isa OPDO keessatti jaaramee mooraa Wayyaanee keessa jiruufuu kan liqimfamu hin tahu. Heerri Wayyaanee kan keeyyata 39ffaa jalatti maqaafuu tahu kaa’ameyyuu deemsa keessa gaaf tokko waliin jiraachuun yoo rakkoo tahe gargar galuun akka jiraatu kaa’uu isaatiin warra ifatti labsatee of Itoophiyoomse caalaa akeeka qabsoo Oromootti dhihoo dha yoo jedhame dhugaa irraa fagaachuu hin tahu.

Sagantaan ABO bara 1976 keessa bahe namoota akka Goobanaa Daaccee gantummaadhaan lafa kaa’eera. Goobana gantuu jedhamee kan ibsameef fedhii ummata Oromoon alatti Minilikiif tumsee walabummaa biyya Oromoo humnaan cabsisiisee Itoophiyaatti dabalchiisuu isaatiif akka tahe hin haalamu. Namoonni wayta sanitti sagantaa siyaasaa kana wixinanii fi har’a ABO irraa adda bahan dhugaa kanatti ni amanu jedhamee yaadama. Goobanaa jagnummaa loltummaa malee dammaqiinsa siyaasaa homaatuu hin qabaatin sanaanuu ‘gantuu’ dha eega jennee bara har’a qaroome kana keessatti kanneen dammaqiinsa siyaasaa osoma horatanii jiranii ilaalcha faayidaa ummata Oromoo miidhee kan warra kaanii guutuf dursa kennaniin hoo maal jenna ree?

Addi Bilisummaa Oromoo harás borus biyti teenya Oromiyaa, ummanni keenya Oromoo, kaayyoon keenyas bilisummaa dha jedhee amana. Warra kaayyoon isa fakkaatu waliinii fi kanneen dimokrasii dhugaa fi mirga hiree murteeffanaa ummtootaa fudhatan waliin tumsa jaarratee qabsaayaa ture, ammas ni qabsaaya. Warra kaayyoo isaa dura dhaabbatanii fi kaayyoon isa hin fakkaanneef jilbeeffatuun garuu salphina tahuutti hubata. Qabsoon addunyaa kana irratti tahaniis kanuma keessa darbanii akeeka isaanii bakkaan gahan. ‘Akka abaluuttin sirbaan morma nama jal’isa’ akkuma jedhamu, bara jireenya ofii dheeraa Oromiyaaf qabsaayanii galgala keessa Oromiyaa hallayyatti darbanii Itoophiyaa mirga Oromoo beekuufii diddee guyyuu ummata qabsaawaa jiru mana hidhaatti guurtuu fi ajjeessaa jirtuuf dursa kennuun akkeessaa fuggisoo fi abaaramaa tahuu isaa jala muruu feena. ABOn mirga warra kaanii eeguuf jecha mirga haqaa ummata Oromoo irraa muree waan kennuuf hin qabu; mirga warra kaanii tiksuuf jecha mirga siyaasaa Oromoo sharafuun barbaachisaa tahees hin dhihaatu. Yeroma mirga saba ofiif falmatanitti mirga warra kaaniifis dhaabbachuun akka danda’amu ifa galaa waan taheef, mana waloo ollootaa jaaruuf jecha mana maatii ofii of irratti diiguu ABOn ni morma. Sochii mana Oromoo diiguuf wixxifatamus qabsoon maseensa. Mirga ummta Oromoo guutuu kan bilisummaa fi walabummaa jedhu argamsiisuuf akkuma kaleessaa har’as murannoo irra daran belbeleen ni qabsaawa. Kana hundi akka hubatu irra deebiin ibsata. Ummatni Oromoos dhaaba isaa fi qabsoo isaaf kan durii caalaa wardiyyaa dhaabbatee tikfachaa qabsoo isaa ni finiinsa.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Infoo Deeskii ABO

Bitootessa 31, bara 2013

INFO DESK ABO haala yeroo irratti  -Afaan Oromoo

OLF INFO DESK on current affairs – Amharic

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s