Diddaan barattootaa Yuunivarsiitii Arbamic mooraa Caamoo jabaate

May 15, 2013
By Qeerroo
in Oduu/News
Leave a comment
Caamsaa 16,2013 Arba Minc

Diddaan barattootaa mootummaa garboomfataa Wayyaanee irratti jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Arbaminc mooraa Caamoo keessatti barattootni hiriira jabaa bahuun mootummaa Wayyaanee balaaleffatan.Mootummaan garboomfataa wayyaanee baajata dhimma barnootaaf kaawame irraa looguun dhimma waraanaaf tolchuun bittaa umrii isaa dheereffachuu irraan darbee nyaata summaaaa fi qulqullina hin qabne dhiyeessuun barattoota fixuuf wayita jirutti irratti dhaqqabamuun diddaan kun taasifamee jira.

Mootummaan garboomfataa wayyaanee gaaffii mirgaa barattootni gaafatan dura dhaabbachuuf federaala hedduumminaan bobbaasuun aara ija gubu itti gadhiisuun barattoota miidhaa fi reebaa kan oole yoommuu tahu diddaan kun daran jabaachuun mooraan Caamoo mooraa waraanaa tahee jira.Mootummaan wayyaanees gamtaan barattootni gaaffii mirgaa kaasuu isaaniitti hedduu kan rifate yoommuu tahu yeroo ammaa basaastota barattoota keessaa

1. Barataa Amsaaluu Taakkalaa

2. Geetachoo Moosisaa

Jedhaman qabachuun barattoota adamsuutti duulee jira.Barattootni kunneen diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf tattaaffii diina waliin gootan irraa hin dhaabbattan taanaan tarkaanfiin hojii keessan madaalu akka isin eeggatu beekaa jechuun qeerroon yuunivarsiiti Arbaminc gabaasee jira.

One response to “Diddaan barattootaa Yuunivarsiitii Arbamic mooraa Caamoo jabaate

  1. Balaa isin irra ga,e kana yeroo isin reeban vidiyootti waraabuuf yaalaa hin goyoominaa walii keessaniif yaadaa gaaffíi keessan immoo sirriitti ibsaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s