Kan keenyaaf – Nutuu Geenya

!

Jiituu Lammii – Unbarsiitii Finfinnee | Sadaasa 4, 2013

Bara duriiti. Allaattii risaa jedhamutu lukkuutti michee wajjin jiraachuu jalqabe jedhama. Allaattiin kun uumama isaa dagatee, uumaa isaatiin ala lukku wajjin daraa haadhaa, harca’aa funaanaa kosii keessa oolu jiruu godhate. Garuu akka jaraa irraa hinbareedu-waan uumaa isaa mitikaa.  Galgala, dhiya aduu eegee qooxii (haraatii) yaaba. Akka kanaan jireenyi isaa dhawaata lukkuudhuma fakkaachaa deeme. Ta’us garuu, darbee darbee miira addaa, kan uumaa ganamaa keessa isaatii dhaggeeffachuu hinoolle. Gaafii gaafii miirri kuun jabaatee “ …kaatee bantii samii gargar saaqxee, goobaafi golba lafaa qaari’tee, gaafa sii gamte: gaatiraa, heexoo birbirsa feetu garbii  fiixa baatee – lafa garaa kee hinqubattuu….!? Isa maaliit ati lukkuu muul’ata hinqabne waliin  daaraa haadhaa ooltee galgala haraatiitti rarraata…!? Jedhee qeequu jabeesse.  Gama biraatiinimmoo, haalli inni keessa jiraatuufi lukkuun inni wajjin jiraatu “ …. Ati isa kam wan ta’uu hindandeenyeefi uumaan siif hinhirre ta’uu abbalta!? Atoo silaa numa fakkaata; danaan kee cufti akkuma keenyaa- duuba mee akkamiin nurraa gargarbaatee samii keessa laboobuu hawwita…!? Safuudha! … mee hunduu haahafuutii… isa wajjiniin nyaannee- dhugne, jireenya waliin dabarsine… akkamiin dagatteeti nurraa gargar bahuu yaadda…!?” jechuun takka doorsisaa takammoo sossoobaa of  fakkeesanii of birattii hambisuuf sadoo jabeessan. Risaan, utuma miira masaanuu wal mormu keessa  jiraatuuti gana gaaf tokkoo otuma warri inni wajjin jiraatuu akkuma dur kosii keessatti eeganii gaaftokko lafarraa ol ka’ee balali’uu yaale. Sadoo ormaa, yaalii uumama isaa malee daaraa keessatti isa hambisuuf godhamu, fedhiifi carraaqqii warra “….of dhiisii nu fakkaadhuu jiraadhu….” Jedhanii keessaa bahee hireefi dandeettiin isaa maal akka ta’e battalumatti akeekkate. Sana booda utuma haalliifi warri inni wajjin jiraatu mormanii uumaafi uumama isaa dhaggeeffatee kossii haadhaa ooluu dhiisee samii keessa fagaatee balali’e. Ergasii  lukkuun risaa samii keessatti ol eeguu malee akka dur sobdee, sossobdee… of wajjiniin daaraa keessatti hambisuu hindandeenye jedhama.

Kabajamtoota dubbistoota barruu kanaa, Sabni Oromoo uumaa isaa lagatee, eenyummaa isaa dhiisee ormi karaa ormi baaseefi haala ormi tolche keessatti qofa of hubatee fedhiif abdiin isaa gabaabbatee, gabaabumatti waan isaaf malu cufa ormaaf dhiisee, gabaabumatti waan isaaf malu cufa ormaaf dhiisee salphatee miila isaanii jala  akka jiraatu fedhiif akeeka qaban dhugoomsuuf shira himamee hindhumne, garuummoo seenaan hindaganne hedduu raawwachaa turuu isaanii, ammallee ittijiraachuufi boruufis akeeka walfaakkaatu qabaachuu isaaniitu durdurii kana na yaadachiise.

Gara ijoo dubbii kiyyattan deebi’a. Isa dura garuu jabina dubbii koof akka tolu  jecha  akkuma dur seena darbe keessaa waa isin waliin yaaddachuun hawwe. Dubbichi akkana: Qabsoo diddaa gabrummaa, bifa haaraan dhaloonni gara  FDG(civil mass disobedience movement)itti babal’isan fuuldura dhaabachuuf Wayyaanonni tooftaa tokko qindeeffatanii ture. Toftaan kun kanuma duruu jiru ta’ee garuu, bara 2005nii eegalee  bal’inaan akka hojiirra ooluu ta’e. Akkuma kanaan, Aadde Azeeb Masfin duula kanatti ooggana duraa yoo taatuu, qondalonni basaasaafi aanga’oonni waraanaa dhalootaan Tigree ta’animmoo dabballoota OPDO of dura buusun walduraa duuban qindaayanii qajeelfama gubbaarraa darbu hojiitti hiikuuf qe’ee Oromootti bobba’an. Akeekni isaanii dargaggoota Oromoo qeensa laafeyyii ta’an (faayidaaf bitamuu danda’an), yookanimmoo warra Oromoo kessatti dhalatanii Afaaniif Aadaa sabichaa beekan filachuun aangoofi maallaqa guddaa ittikennuun  warra isaan morman hawachuu, warra jajjabina qabanimmoo hidhuu, ajjeesuufi goolii adda addaan hamlee laaffisuu ture. Aakkuma kanaan, duulli jalqabaa lafa Oromoo Finfinneetti marfatee jiru: Buraayyuu hanga Sabbataatti;  kalattii biraan ammoo Sulultaa jalqabee Laga Xaafoo – Laga Daadhii dabalatee hanga Galaaniifi  Duukam gahutti hoogana Tigree jalatti cicciramee akka gurguramu ta’e. Warri lafa kana akka bitatan jajjabeeffaman saboota Oromoo hintaanee: (Tigree, Guraagee, Amaaraa, Silxee…) ta’uun ammoo duulichi Yrymyy balleessuuf ergama qarlamee qabaachuu mirkaneessa. Haaluma kanaan, yeroo gabaabaa keessattii duulli walfakkaatu Oromiyaa hundatti akka raawwatu dabbaloota gadiif qajeelfama dabarsan. Akkakanaan, magaalonni Oromiyaa hundi harka kaabineetti galee gurgurtaan lafaa hanga dhabe. Maallaqni gurgurtaa lafa Oromoo kanarraa argamu harki guddaan karaa Aadde Azeeb aanga’oota Wayyaaneef kanqooddamu yoota’u, harcaatuu ishee kadiree OPDOtiif dhiisu. Kaabineen OPDO maqaa dhahatan akka kanaan harcaatuu funaannatan konkolaataa ammayyaa  (V-eight) bitatanii, sookkoo dheedhii qubaafi mormatti naqatanii, shuguxii ‘micro F’mudhiitti kaawwatanii, haadha manaa shanii –jaha fudhanii, cooma murachaa Wiskii buufachaa, saggoon saggooratti margee, quufni daangaa dhabee  Oromoo dhugaaf dubbatu, sabaaf quuqamu bahaa gala dhoowwanii gariin ajjeesanii ykn. ajjeesisanii, gariin maatii facaasee yoo biyyaa bahu, gariin roorroo kana dhoowwachuuf bosonatti gale;   isa kaanimmoo akki dhibee, qe’ee dhaloota isaarratti yuuyya’ee, quucaree hafe- Seenaa hadhaawaa! Jarrii shira kana hojjatan har’a, (isiiniif margaa malee) jiruu sagaagalummaa mana bunaa keessatti dabarsaniin  gariin isaanii  dhukkuba HIV/AIDSn faalamanii ammas karaa biraatiin uummatatti balaan yoo deebi’an, gariin ammoo qabeenya isaan saba isaanirraa saaman Wayyaanonni harkaa butatanii kaanhidhaatti, gariin ammoo akkahintaane ta’aniiru.

Seenaa kana qalbiin erga yaadannee booda, faanni seenaa kaleessafi har’a, darbeemmoo boru garamitti akka aggaamu  akeekkachuuf, caalatti ammoo hojii yeroon nurraa eegutti humna guutuun fuulleffachuuf akka tolu gara taajjabbii koo torbee lamaan kanaatti haadeebinu.  Jarreen kaleessa shira olitti himame hojjataa turan har’a bubbee hamaan gola isaanii seenee dhaabbachuu dadhabanii raafamaa jiraachuu dhugaa guyyuu muul’atu ta’ullee, warra mamii qalbii keessaa qabaniif raga kaahun, wal hubachaa dhimma fuulduratti nu eeggatutti fuulleffachuuf gargaara. Kanaaf jecha, waanuma torbee lamaan kana isaan ittijiran gabaabumatti ilaaluu yaalla.

Dabballoonni OPDO tibba kana maqaa “raawwii bara darbeefi karoora bara dhufuurratti mari’anna” jedhuun bakka hundatti guyyoota kudhaniif kora taa’aa turan. Kora kanarratti yaaddoofi abdii kutannoon yoomuu argamee hinbeekamne kan muul’ate yoo ta’u, dabballoonni tokko tokko “ … duunee awwaala keessa jirra…” jechuun haalicha ibsaniiru. Haala jara kanaa hubachuuf akkasumas, egree isaanii tilmaamuuf, iccitii dhokataa barbaaduurra,  galgala yoo isaan bakka mariitii hahan  dhaabbatanii akkaataa isaanii ilaaluun qofti nama seenaa isaanii durii beekuuf dhugaa  tokko hima. Akka kanaan, hoolota hongeen ittidheerate fakkeenya mogoleen walrigaa, boquun gadi cabee mataa buusanii abdii malee yoo deeman ilaaluun waan isaan ittijiran akeekuu caalatti boru maaltu akka ta’uuf deemu tilmaamuuf nama gargaara.

Dabbaloonni kun,  haalli isaan keessa jiran  milkii akka hinqabne, abdiin irraa fagaatee egereen isaanii dukkanatti deemaa kan jiru ta’uu guyyoota kudhaniif wal harkaa fuudhanii walumatti deebisuun alatti yaaddoo isaaniif fala kaahuu hindandeenye. Dargaggoonni wal ijaaranii qabsoof qophiin godhaan jabaachaa deemuun, raayyaan waraanaa, keessumaammoo poolisoonni dhawaata qalbiin gara uummataattii dhiyaachaa dhufuun, dabbalootumti duraan amanamoo turan sirnicha dhiisuuf fala biraa barbaaddachaa jiraachuufi (karaa danda’ameen qarshii saamanii miliquun), hunda caalammoo uummataan garmalee jibbamuufi kkf. Dhimmoota yaaddoo uuman ta’uurratti walii galanillee, dargaggoota isaan nyaachuuf qophaawaa jiran faayidaa adda addaan ofitti qabuu, warra tooftaa kanaan qabamuu didanimmoo hidhaafi doorsisaan ofirraa faccisuun hanga danda’ametti lubbuu dheereffachuuf  yaaluun alatti waan “… kanatu furmaata…” jedhanii ittabdatan dhabuun keessa isaaniitti yaaddoo caalu uumeera. Dabballoon kun akka kanaan erga walitti waakkaachaa turanii booda, iccitii isaanii akka uummata bira hingeenye walkaksiisuun karaa sabaa himaalee harkaa isaanii jiruun akkuma baran waan sobaa dabarsuun uummata gowwomsuuf yaalaniiru. Karaa biraatiin, nama dugduuba dubbii kanaa qola keessaa baasee ilaaleef  qabsoon uummataa sadarkaa murteessaarra gahuu hubachiisa.

Gabaabumatti, yaaddoon kun dhimma duruu beekamuufi eegamu fakkaatullee, nama jiruu saba Oromoo jijjiiruuf qabsootti jiru tokkoof ergaa guddaa qabaata. Qabsoon Oromoo galma isaatti dhiyaachuu eera. Dubbiin dubbii lukkuufi risaa sana fakkataa. Har’a uummanni jara soba isaanii wajjin kosii keessatti dhiisee karaa isaaf malu qabatee fagaateera. Lafa lamuu jaraan walitti deebi’uu hindandeenye qaqqabeera. Kanaaf ammoo qaawwa ofii suphachaa, wiirtuu diinaa waraanuufi uummata diina harkaa bahee jiru caalatti humneessanii qabsoo galmaan gahuuf seenaan hiree seenaa qabu nu harkaan geesseetti.. Kuni bu’aa qabsoo bara dheeraati. Amma Qabsoo kanatti xumura gochuu gaafata. Kanaaf, akkuman duraan jedhe, humnaafi tooftaa yeroon gaafatu qindeeffachuun  humnafi saffisa dabalatanii fuulduratti furga’uuf amma yeroon murteessaa ta’eera. Kun dhimma keenya. Dhimma keenyaaf ammoo nutuu geenya!!

Injifannoon Uummata Oromoof!!

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s