Finfinnee bal’isuu, Oromiyaa jigsuu, Oromuummaa balleessu

By Hawi Chala | February 14, 2014

Hawi ChalaMagaalaan Finfinnee namicha harkaa fi harma muruun bekkamu, Minilik 2ffaan erga hundoofte kunoo har`a waggaa 128 ta`ee jira. Yeroo sanaa kaasee hamma ammaatti Finfinneen teessoo mootummoota abbaa irree(dictator) biyya Itiyoophiyaa bulchaa turanii fi bulchaa jiran ta`un tajaajilaa jirti. Ummanni haandhuraa fi naannawaa Finfinnee jiraachaa ture ummata Oromooti. Hundeffama magaalaa gudditti biyya Itiyoophiyaatti aansuun rakkinni fi gadadoon saba guddaa kana irratti gahee fi ammas gahaa jiru baayyee sukkaneessaa dha.

Namichi Miniliik II jedhamu teessoo isaa erga Finfinnee godhate booda hojiin inni raawwate saboota(lammiwwan) isaa kaabaa Itiyoophiyyaati gara giddu-gala biyyatitti godaansisuu ture. Godaansa kanaan ummanni saba Seemii lakkoofsaan hedduu ta`an Finfinnee fi naannawaa ishii qubatan. Saboonni biroos sababa daldalaa fi haala jireenya mijaawaa barbaaduuf jecha gara Finfinnetti akka malee godaananiru. Yeroo kanaa kaaseeti baayyinni ummata Oromoo Finfinnee fi naannawaa ishii jiraatu haala nama ajaa`ibuun lakkoofsi isaa gadi bu`aa kan dhufe.

Ragaan waggoota muraasa dura Waajjira giddu-gala staatistikii Itiyoophiyaa(Central statistic agency of Ethiopia) maxxanfame akka agarsisuutti baayyinni ummata Oromoo magaalaa Finfinnee keessa jiraatu 19.51% qofa dha. Parsantiin saddeetamaa (80%) sabni Finfinnee keessa jiraatu kan Oromoo hin taane dha. Ragaa kana irraa hubachuun akka danda`amutti sabni Oromoo akkaataa nama gaddisisuun biyya abbaa isaa kan haandhurri isaa itti awwaalame irraa dhabamsiifamaa akka jiru dha.

Yeroo waa`ee Finfinnee yaadu gaaffiin yeroo baayyee sammuu koo keessa deddebi`u tokkootu jira.Ummanni Oromoo Finfinnee keessa jiraachaa ture parsantii guddaan yeroo ammaa kana hin jiru.

Ummanni kun eessa jira amma? ykn eessa deeme?

Karaa mataa kotiin deebiwwan lama gaaffii kanaaf ta`uu danda`u jedhu akka armaan gaditti dhiheessa.

  1. Mootummoota abbaa irree biyyatti yeroo gara garaa bulchaa turaniin ykn bulchaa jiraniin dirqisifame naannoo isaa gadhise akka godaanu taasifameera. (displacement)
  2. Dhibbaa (pressure) ummanni Habashaa karaa aadaa,afaanii fi amantiitin ummata Oromoo irratti godhaniin ummanni Oromoo eenyummaa isaa akka dhabu godhameera.(Identity loss).

Shirri kun hundi saba Oromoo irratti raawwatameera;raawwatamaas jira.  Ji`a muraasa dura mootummaa cunqursaa Wayyaaneetiin dizaayiniin magaala Finfinnee babal`isuuf dhiyaate fi booda akka hojiirra olu ragaasifame kan baayyee nama riifachisu fi cittoo irratti fanxoo kan nama jechisisu dha.  Jaarraa (bar-dhibbee) 21ffaa kana keessa ummanni addunyaa qaroomiina irraan kan ka`e ummatoota jalqaba biyya tokko keessa jiraachaa turaniif (Indigenous people) kunuunsa gochaa jiru,akkasuumas madaalli naannoo(ecology) tursisuuf kunuunsaa fi eguumsa adda ta`e biqiltootaa fi bineensotaaf gochaa jiru. Karaa faallaa (fuggisoo) ta`en mootummaan Wayyaanee shirri inni kanaan dura ummata Oromoo naannoo Finfinnee jiraatu irratti raawwate gaha otoo hin jedhiin maastar pilaanii(master plan) haaraa qopheessuun aadaa, afaanii fi eenyummaa Oromoo  akkasuumas bosonaa fi qabeenya uumamaa Oromoon qabu caalatti dhabamsiisuuf bifa haaraatin duula cimaa gaggeessuuf qophaahaa jira.

Akkaataa diizaayinii haaraa hojii irra oluuf qophaahaa jiru kanaan magaalonni fi aanoonni Finfinnee irraa fageenya kiloomeetira 100 irratti argaman hundi magaalaa Finfinnee jala galu. Mastar pilaanii(Maser Plan) kun dhugumatti hojii irra ola taanaan yeroo kamiyyuu caala ummanni Oromoo rorroo fi gidiraa daangaa hin qabneef saaxilama. Rakkoowwan ijoo(main) mastar pilaaniin kun ummata keenyatti fiduu danda`an akka armaan gaditti ibsuu yaala.

1. Hiyyuummaa babal`isa 

Kana jechuun sababa investimantii fi babal`ina magaalaatiin ummanni Oromoo lafa qonnaa isaa ni dhaba. Gali guddaan qote bulaan Oromoo qabu oomisha lafa qonnaa isaa irraa argatu dha. Lafa qonnaa isaa dhabe taanaan oomisha oomishuu hin danda`u. Sababa kanaan kan ka`e galii argachuuf jecha invastimantii lafa qonnaa isaa irratti hundeffameen waardiyyaa ta`uuf dirqama. Dabalataaniis hojii humnaa (labour) garaagaraa barbaachuuf gara magaalaatti godaanuun jireenya gadadoo fi hiyyuumaan guuttame jiraachuuf saaxilama.

2. Diigamuu maatiif sababa ta`a

Kana jechuun immoo qotee bulaan tokko lafa qonnaa isaa erga dhabee galii adda ta`e tokko waan hin qabneef jireenya isaa mo`achuuf jecha qe`ee isaa gadhisee godaanuuf dirqama. Maatiin isaas bifa walfakkaatuun sababa jireenyaatiif jecha faffaca`uun waan nama wal gaafachisu miti.

3. Barattoota fi hojjattoota Oromoo irratti dhibbaa xin-sammuu (Pyschological impacts) hagana hin jedhamne fida.

Afaan barattoonni Oromoo nannawaa Finfinnee jiran mana baruumsaatti ittiin baratani fi waajjiraaleen mootummaa kan dhimma itti bahaan Afaan Oromoo (Oromiffa) dha. Finfinneen haala amma deemaa jiruu kanaan ni bal`atti yoo ta`e aadaa fi afaan saba biraatu wajjiin guddachaa adeema. Manneen barnootaa fi waajjiraaleen naannoo Oromiyaa keessa turan hundi tajaajila kan kennan afaan hojii mootummaa feederaalaa,afaan Amaariffaatin ta`a.  Kun immoo barattoota keenyaaf gufuu guddaa ta`uun baruumsa isaanii irratti dhibbaa cimaa ta`e fida.  Afaan alagaatiin baruumsa barachuun barattoota Oromoo irratti rakkina xin-sammuu daangaa hin qabne fida. Haaluma wal fakkaatuun hojjattonni waajjiroolee garaagaraa keessa Afaan Oromootiin tajaajila kennaa turan diigamuu bakka hojii isaanii irraan ka`e hojii kan biraa barbaaduuf saaxilamu. Hojiin biraa argamuu danda`uus afaan alagaatiin ta`a.  Kuniis miidhaa mataa isaa danda`e qaba.

4. Eenyummaa Oromoo balaa irra buusa

Akkuma armaan dura ibsuu yaaleetti Oromoon Finfinnee keessa jiraatu sababa adda addaatiin eenyummaa isaa akka dhabe dha. Sababa guddina magaalaatiini fi shiira adda ta`e mootummaa wayyaanee qopheessee kanaan dizaayiniin magaalaa Finfinnee bal`isuun hojii irra ola taanaan eenyummaan Oromoo yeroo kam iyyuu caala balaa irra bu`a.  Aadaan,afaan,amantiin fi eenyummaan saba habashaa dagaagaa yeroo adeemu kan Oromoo immoo laafuu fi dhabamuuta`a.

Shiira mootummaa Wayyaaneetiin ademaa jiru kana ykn maastar pilaanii magaalaa Finfinnee haaraa kana akkamitti dura dhaabachuun danda`ama?

Ummanni Oromoo maal gochuu qaba?

Ummanni Oromoo yeroo kam iyyuu caala tokkummaa isaa jabessee wal faana dhaabachuu kan qabu yeroo ammaa kana. Tokkummaan sabni keenya shiira nurratti deemaa jiru ittisuuf agarsiise ibsuuf seenaa yeroo dhihoo «Boycott Bedele» yaadachuun gahaa dha. Tokkummaan humna. Yoo walii galan; alaa galan akkuma jedhamu garaagarummaa qabnu akkuma jirutti waliif dhiisnee dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti harka wal qabannee wal faana dhaabachuun dirqama lammii keenya hundaati. Tokkummaan yoo kaane sagalee keenya sadarkaa addunyaatti dhageessisuu dandeenya. Yoo nuti tokkoomne dha, gurra hawaasa adduunyaa argachuu kan dandeenyu. Kanaafuu sabni Oromoo kan biyya keessaa fi biyya hambaa jiru gurmuun wal jabeessee shiira mootummaan Wayyaannee ummata Oromoo lafa irraa dhabamsisuuf gochaa jirtu kana dura dhaabbachuu qaba jedha. Jirbiin wal gargaartee arba hiti (Mixiin wal-qabattee laga ceeti) jedhama mitiree;tokko taane haa falmannu.

Injiffannoon saba cunqursaa jala jiruuf haa ta`u!!!

Maastar plaani magaala Finfinnee haara wordpox kana keessati argachuu ni dandeechu

https://www.dropbox.com/sh/351vsabzpixbol1/5y6lqogioK

Hawi Chala (hhunduma@yahoo.com)

Maddaa fi odeffannoo dabalataa: Stop clearing Oromo from their land in the name of boosting economic development by Oncho G

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s